Gabaasaa FDG: Guraandhalaa 24/2014 Godina Jimmaa, fi Yuunivarsiitii Jimmaatti FDG haalan jabaata ta’ee Qeerroo bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo fi hawwaasa Oromoo Magaalaa Jimmaatiin bifa adda addaatiin itti fufee oole .
Dargaggoonni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa utuu waraannii mootummaa Wayyaanee lakkofsaan kumaan lakka’amu mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa qubsiifamee jiruu guyyaa har’aa ifatti nyaataa fi barnoota dhaabuun mormii sirna wayyaaneef qaban ifatti argisiisuun FDG finiinsaan. Guyyaa kaleessa Guraandhala 23/2014 Goototni sabboontotni baratootni Qeerroo bilisummaa Oromoo sababaa Oromummaa isaniin yakkamaa ta’anii hoggantoota waraana wayyaanee mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa qubsiifamani jiranii fi poolisotaan karaa bulchiinsa Yuunivarsiitii Jimmaa seeratu isin barbada jedhamuun wamamanii dorsifamuun ittuma dargaggota Oromoo gara FDGtti jabeessuun dorsiifni diinaa, hidhaan, heddumminni waraanaa fi qawween,sochii warraaqsa bilisummaa Oromoo qeerroon gaggeessa jiru yoom iyyuu duubatti deebisuu kan hin dandeenye ta’uu, kunoo guyyaa har’aa qeerroon ifatti beeksise jira. Waamicha FDG qeerroon bilisummaa Oromoo tasiseef irraa ka’uun hawwaasni Oromoo magaalaa Jimmaa guyyaa har’aa hojii idlee isaanii illee dhaabuun mormii sirna wayyaaneef qaban ifatti argisiisaani jiru. Keessattuu daldaltootni magaalaa Jimmaa dukkana daldalaa isaanii cfattii olchuun diddaa sirna fashiistii wayyaaneef qaban argisiisaniru,kana malees hojjetootni mootummaa sabboontotni Oromoo hojii dhaabuun diddaa qeerroon gaggeessa jiru keessatti qooda fudhachuu isanii beeksifatan.
Kana malees hordoftootni amantaa Muslimaa uummannii Oromoo fi sabaafi sablammoonni mirgii amantaa isanii sarbamuu fi abba irrummaa Wayyaanee irratti dammaqanii jiran guyyaa har’aa kayyoon FDG garbummaa Qeerroon bilisummaa Oromoo godina keenyaa fi Oromiyaa keessatti gaggeessa jiru sirriidha, kayyoo kanas ni deeggarra, qeerroo cina dhaabbannee mirga amantaa keenyaa fi mirga eenyuummaa fi dimookiraasii sarbamaa jiru kabachiifachuu ni dandeenya jechuun guyyaa har’a FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuu keessatti qooda fudhatan. Haala kanaan fulduraaf illee nam-tokko biyya dimookiraasiin hin jirree fi biyya mirgi namummaa sarbamaa jiru keessatti mirga amantaa isa egsifachuun waan ulfataa ta’eef FDG qeerroon gaggeessaa jiruu keessatti ga’ee keenya gumachuun mirgoota namummaa, dimookiraasii fi eenyummaa haa kabachiifannu jechuun diddaa sirna wayyaanee Qeerroon gaggeessa jiru keessatti qooda fudhachuu isani waliif beeksisan. Bifa kanaan hojii idlee isani dhaabuun mormii sirna wayyaaneef qaban argisiisaniru. Gabaaasaa humna Waarana Wayyaanee Qeerroo bilisummaa irratti bobbafame kan ilaallatu Guraandhala 22/2014 irra egaluun Mootummaan abbaa irree Wayyaanee humna waraana guddaa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa qubsiisu egale. guyyaa kaleessa qofa humni waraana wayyaanee guddaan konkolaataa 30 ol kan ta’uu ganama irra egaluun magaalaa Jimmaa galee, waraannii kun irra guddaan isaa nannoo Yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Yuunivarsiitichaa keessaa fi mooraa Yuuniversiitichaan ala qubsiifame, Waraana guraadhala 22 moora Yuunivarsiitii seenuu eegale irraatti qeerroon bilisummaa Oromoo barruu warraqsaa FDG irraatti bittineesseen sochiin qeerroon itti jiruu ulfaataa waan ta’eef humna guddaa nuf dabalaa jechuun kitillayoonnii Wayyaanee iyyatachuun humni waraana guddaan hammana ga’uu kun uummata irra qubsiifamee guyyaa har’a magaala Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti sakkata’insa da’imman umrii waggaa 8 olii irra egalee hanga manguddoo jaarsa gadamoojjiitti namuma daandii irra deemuu dhaabuun sakkataa jiraachuun ibsamera.
Wanti baay’ee nama dhibuu mootummaan Wayyaanee muddama sochii qeerrootiin qabamee dhukkubsatootaa hospitaalaa Jimmaa Mooraa Yuunivarsiitii jimmaa keessa jiru keessa ciisaa jiranii fi namotaa dhukkubsatoota dhukkubsachiisa jiran illee sakkatta’insan dararaa jiraachuun gabaafamera.
Dhabbannii Barnoota olaanoo guddaa fi Yuunivarsiitii biyyatti keessa jiran hundaaf fakkeenyummaan qaba jedhuu Yuunivarsiitiin Jimmaa heddumina waraana wayyaanee irraan kan ka’ee guyyaa har’a dirree leenjii waraana fakkatee jira, kana irraa ka’uun halli baruu fi barsiisuu illee uguramee barnoonni dhaabbatee kan olee ta’ee jira.
Konkolaatootni tajajila(service) hojjetoota fi baratootaa Yuunivarsiitii Jimmaa guyyaa har’a kana tajajila dhaabuun humna waraanaa Wayyaanee Fe’uun mooraa Yuunivarsiitii fi magaalaa Jimmaa keessa nanneessa kan olee ta’uun, Yuunivarsiitiin Jimmaa dirree waraanaa fi ergama waraanaa nurraatti gaggeessaa jirtii jechuun uummataan mufii guddaan irratti ka’aa jira…. gabaasaan kun itti fufa.