Thursday, February 20, 2014

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Dhihaa Oromiyaa kufaatii Wayyaanee dhiyaatee jiruutti xummura gochuu fi eeggannoo uummanni gochuu qabu irraatti ibsa gababa kenne.

Guraandhala 19/2014 Bakka buootiin Qeerroo Bilisummaa Oromoo Godina Dhihaa Oromiyaa Walitti dhufuun haala Sochiin Warraaqsa FDG itti jiruu fi haala Siyaasa yeroo irratti marii gabaaba gochuun ibsa qabxii shan of irraa qabu dabarsee jira.
  1. Waamicha FDG dhabni keenyaa dhabni kallacha Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABO godhee fi Sochiin Warraaqsaa Dargaggotaa Biyyaalessaa Oromiyaa Qeerroon Bilisummaa Oromoo gaggeessa jirru bifa garaagaraan jabeessinee itti fufaa jirra. guttummaatti mootummaa abba irree wayyaanee angoo irra darbuuf guyyuu hojjecha jiraachuu hubachiisuun, FDG haala wal irraa hin citneen kan itti fufnu ta’uu ni hubachiifna.
  2. Mootummaan EPRDF fi TPLF rakkoo siyaasa guddaan isa mudaate raafamaa waan jiruuf ilmaan Oromoo biyyaa keessa fi biyyota Ambaa garaagaraa keessatti argamtan bakka jirtan hundatti harka wal qabachuun yeroon itti sagalee mormii abbaa irree irratti dhageesifnuu fi hiriira mormii FDG bifa qindaa’een gaggeessinu amma waan ta’eef tokkummaan haa kaanu!.
  3. Ilmaan Oromoo Caasaa Waraanaa, Poliisa, hidhatoota fi tikaa wayyaanee keessatti argamtan yeroon itti uummataa ofii waanjoo garbummaa bardhibbee jala itti baasaan amma waan ta’eef, bakka jirtanitti wal ijaaruun meeshaa waraanaa isin harka jiru, gara mootummaa gabomfataa wayyaaneetti naanneesuun dirqama lammumma akka bahattan dhamsa isinif dabarsina.
  4. Angawoonni Wayyaanee waggaa 22 guutuu uummataa saamaa turani ammas saamaa jiran qabeenyaa uummataan tujaara ta’anii jiru, yeroo amma kanas Ministeronni Wayyaanee hedduun qabeenya uummataa irraa saama turan, biyyotaa ollaa fi hambaa garaagaratti kuufachaa waan jiranii fi qabeenyaa uummataa saamanii baduutti waan jiraniif uummaanni Oromoo hundii, qotee bulaa, daldalaa, fi hojjetootni hundi kanfaltii buusii adda addaa fi buusii Gibiraa akka hin kaffallee dhaamsa isinif dabarsina.
Injifannoon Uummataa Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Guraandhalaa 19/2014

No comments:

Post a Comment