Saturday, February 22, 2014

Koollejjii Seeminara Naannoo Kutaa Magaalaa Finfinnee Makkannisaa jedhamu Irratti diddaan jabaachuu irraan tikoonni Wayyaanee ramadaman


Gabaasa Qeerroo Finfinnee Gurraandhala 22,2014 
Gabaasaa Qeerroo Finfinnee kutaa magaalaa Makkannisaa jedhamu irraa gabaasuun, Guraandhala21 mana barumsaa barattootni oromoo itti baratan koollejji Seminarii jedhamutti jala bultii guyyaa boruuf fincilli kauu mala jedhuun tikoota isaa naannoo mana barumsaa kanatti ramaduudhaan ganama saa 8:00 irraa kaasee guyyaa guutuu meeshaa guutuu dirree waraanaa fakkeessee jiraachuu isaa Qeerroon gabaasee jira humna waraana isaanii nannoo kana buufatanii jiran suuraan kaafame kan addeessu barattoota shakkuun barattoota naqaa qabanii qorataa barumsa isaanii irraa hambisaa akka jiran akkasuma basaasota isaanii huccuu barataan wal fakkatu uffisuun moora keessa galchanii sochii barattoota oromoo basaasaa akka jiran, gabaasaan Qeerroo addeessa. Aka walii galaatti mootummaa wayyaanee sochii barattota oromoo yuuniversitii koollejjii adda addaa irratti eegalee jiru sodaadhaan koollejjii kanatti tikoota humnaa oliin ramadee eegsisaa jira,fuula kana irratti attach kan tae suurawwan tikoota wayyaanee naannoo san buufatanii jiran yoo tahu qeerroo sodaa tokko malee isaanuma gidduu deemuun waraqaa barbaachisu walif raabsaa jiran waliin kan jiruudha,shakkiidhumaan qoratanii gadhiisaa jiru barattoota kan qabamani hidhaman hin jiran,itti fufanii diddaa moora kana keessatti eegaluuf ammallee qophiin barataa cimee jira,itti fufa.

No comments:

Post a Comment