Tuesday, February 18, 2014

Godina Shawaa lixaa keessatti diddaan Uummataa fi barattootaa itti fufe. Wayyaaneen duula hidhaan Uummataa fi barataa dura dhaabbachaa jirti.

Gurraandhala 19,2014 Finfinnee

Diddaan Uummata Oromoo Mootummaa Wayyaanee irratti eegale haalaan jabaachaa dhufuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buuse. Haalli kunis haalaan jabaachaa kan dhufe Yuunivarsiitii Amboo keessatti Wayyaaneen barattoota Oromoo isintu diddaa kana jabeessaa jira, Adda durummaan kan gaggeessaa jiru isini jechuun barsiisota mana barnootaa sadarkaa lammaffaa fi Hojjetoota dhuunfaa mana hidhaatti ukkaamsaa jira. Uummatni Oromoo naannoo Amboo 40 ol tahan mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti kan ukkaamsaman yoommuu tahu, Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessaa
1. Barataa Jabeessaa Nagarii Barataa Civil Engineering waggaa 3ffaa
2. Barataa Kamaal Sulxaan barataa seeraa waggaa 4ffaa
3. Barsiisaa Solomon Gaarii barsiisaa mana barnootaa sadarkaa lammaffaa
4. Barataa Fayyisaa Habtee barataa Afaan Oromoo waggaa 2ffaa
5. Hojjetaa dhuunfaa Gaaddisaa Reebaa jiraataa magaala Amboo
Kanneen tahan kanneen mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti ukkaamsaman keessatti argamu. Diddaan Uummataas daran jabaachaa deemuun sakattainsi olaanaan magaala Gincii, Gudar, Geedoo keessatti gaggeeffamaa kan jiru yoo waraanni 200 ol tahu magaala Baakkootti ramadamuun wayita seenaa jirutti Uummatni karaa itti cufuun deemsa waraana mootummaa wayyaanee karaatti hambisee jira. Mootummaan wayyaanee shira kamuu gaggeessus diddaan Uummataa hanga bilisummaa jabaatee akka itti fufu qeerroon Godina Shawaa lixaa addeessee jira.

No comments:

Post a Comment