OromiaALutaContinua2011FDGGuraandhala 25,2014 Yeroo irra gara yerootti,FDG’n godina dhihaa Oromiyaa keessattuu Godina Kibba dhihaa Oromiyaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa keessatti qeerroon gaggeessaa jiru jabaachaa adeemuun hawwannaa uummata argatee jira. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee TPLF fi EPRDF warraaqsa qeerroo bilisummaa Oromoo ija uummataa keessa seenee jiru kanatti rifatuu guddaa keessa seenun waan qabee gadhiisuu dhabee Oromoon hin baratiin jechuun Wayyaaneen baratoota Oromoo barnoota irraa arii’uu murteeffatte jirti. Haaluma kanaan:
Injiineerotni Baratootni Oromoo qaroo ta’an Yuunivarsiitii Mattuu irra baratootni 11 barnoota irra arii’atamani baratootni lama immoo akeekkachiisa dhumaan kan jiran ta’uu torbanota darban keessa gabaasuun keenya ni yaadatama. Ilmaan Oromoo qaroo fi abdii biyyaa ta’an kun badii tokko malee dhugaa uummata Oromoo qofa waan dubbataniif arii’amuun uummataa Oromoo Magaalaa Maattuu akkam kan aarsee ta’uu ibsuun Manguddoonni Oromoo fi abbootiin amantaa Oromoo ta’an balleessa malee arii’atamuu baratoota Oromoo maalii jechuun bulchiinsa Yuunivarsiitii Mattuu akka meeshatti wayyaaneen itti fayyadamee Oromoo barnoota irraa arii’atu gaafatan, dabbaalloonnii Wayyaanee kun manguddoo kabajamooni fi abbootii amantaa salphisuun dhimma kun isin hin galchu maaltu isin galche jechuun of irra deebisan.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo gochaa fashistummaa kana kan manguddoo keenya salphisee, afaan qawwee abdatee nutti roorrisuu kana of irra dhaabuu kan dandeenyuu fi mirga abba biyyummaa keenya kabachiifachuufi barnoota irra arii’atamuun, hidhaan, ajjeechaan, biyyaa irraa arii’amuun nu ga’aa, jennee nuti dhaloonni haaraan kun wareegama barbachisuu kanfaluun yoo of irraa hin fonqolchine, dhaloonni baaddeedhan dhufuu carraa lubbuun jiraachuu iyyuu hin argatu jechuun qeerroon harka walqabannee wayyaanee irratti FDG gaggeessuun furmaata waaraa fiduun of kabachiisuudha jechuun itti fufee barruu Warraqsa FDG bitinneessuu Godina Jimmaa, Yuunivaersiitii Jimmaa, Godina Iluu A/Booraa, Yuunivarsiitii Mattuu, Yuuniversiitii Miizaan Teeppii, Yuunivarsiitii Walqixxee, Yuunivarsiitii Amboo , fi Yuunivarsiitii Wallaaggaa keessatti barruun waraqaa FDG itti fufee bittinneeffama jiraachuun hoggansii qeerroo bilisummaa Oromoo gareen hoggansa dhihaa Oromiyaa beeksisee jira.
Uummaanni Oromoo Magaalaa Jimmaa fi hordoftootni amantaa muslimaa fi Goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa bu’uura kana godhachuun sochii warraaqsaa FDG irratti argamuu, Diddaa Qeerroo tumsa uummataa argachaa jiru kanatti barraaguun wayyaaneen guutummaa magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa humna Waraanaa mooraa 44 Waraanaa kan dhihaa keessaa gadii bobbaasuun egsisaa jiraachuun ibsame jira.