Saturday, February 1, 2014

GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA,,,,Kutaa 3ffaa

SEENAA Y.G (2005)

barruuQabsoon Oromoo gaggeeffamaa jiru, waan ykn rakkoo keessa keenyatti nu mudatee jiruun madaalamee, lakkii Qabsoon keenya duubatti harkifame ykn waa tokkollee hin hojjanne, jennee kan goolabnu yoo ta’e, dogoggora keessa jirra. Waan nu mudataa jiru hundi isaa, kan addunyaan keessa dabartee fi rakkoo qabsoo keessatti isaan mudate ykn dogoggora keessa dabran irraa baratanii, adeemsa isaanii gama hundaa sirreeffatanii injifannoo goonfachuu isaanii wayita ilaallu, dhugumayyuu haalli keessa keenyatti umame, waan sirraa’uu ykn hiikamuu hin dandeenyedha jennee, madaallii Qabsoo keenya isa dhumaa taasisu akka hin dandeenye hubachuun rakkisaa hin ta’u. Haqi tokko garuu waan irraa barannee jirru hedduu ta’ee, sirreeffachuuf yeroo fudhachuun isaa hanqina jennee fudhachuu dandeenya. Keessattu yeroo amma keessa jirru kanatti.
Jaallannus jibbinuus yeroon keessa jirru ykn waggootiin 3n ykn 5n dhufan nuuf murteessaadha. Qaawwaa hundaa duchachuun murteessaadha. Adeemsa keenya ariifchiisuu fi galii keenya dhiheeffachuu irratti halkanii fi guyyaa hojjachuun akka nu irra jiru gadi fageessine waliif dhaamu qabna. Waggootiin kaa’e kun, diinaaf yeroo lubbuutii. Humni nu dura dhaabbatuu hundumtuu yeroo itti siyaasa isaa itti xumuratu ta’a. Faallaa kanaa, gaaffiin Ummatoota cunqurfamoo kan ol ba’ee itti mul’atu ta’a jedheen amana. Raagutti kaatee? Hin jedhiinaa. garuu. Kun haqadha. Kun jabiina keenya irratti hundaa’a. Humna taanee ba’uu dhabuun keenya irraa kaanee murteessuuf nu rakkisus, Amala Siyaasa warra Gabroonfattootaa yoo ilaalle garuu, wayyaaneen kana irra deemu hin danda’u. Kan isa dhiibu yoo dhibellee, rakkoon keessa isaanii isaan salphisaa deemuun waan hin oolle. Hattun yeroo waa hattu waliif galtee, yeroo waan hatan itti hirmaatan wal ajjeesuu jedhama. Wayyaaneenis adeemsa kana keessa jirti. Carraa kanatti OROMOON waan qabu hundaan fayyadamee Biyya isaa irratti ol aantummaa isaa kabachiisuun murteessaadha.
2=GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAATTI,,,,,,kutaa 2ffaa.docx

2 comments:

  1. qabsoon keenyaa tokkumaan calaqisisuun hundaa keenyaa irraa egama

    ReplyDelete
    Replies
    1. kanaafuu sabni oromoo haccucaa motummaan wayyannee nurraatti agarsisaa jiraa kanaa ofirraa faccisuf ejjeennoo tokkoon fundurraatti tarkanfachuun FDG AGARSISUU QABNA

      Delete