Monday, February 17, 2014

Diddaan Uummataa Magaalaa Sulultaa Irratti Ka’een Namootni 5n Tikoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Buuteen Isaanii Dhabame!

Guraandhala 16,Qeerroo magaalaa Sulutaa Irraa
BilisummaaDiddaa magaalaa Sulultaa irratti gaggeeffameen abbootni maatii 5n tikoota wayyaaneetiin qabamanii bakka buuteen isaanii dhamabee jira. Isaan keessaa miseensi OPDO nama 3 yoo tahu isaan kaan hafan namoota qabsoo keessatti hirmaannaa hin qabneedha,yakki tikootni wayyaanee ittiin qabatan isin ABO dha,uummata kan ijaaru,ammas waraqaa kan barreessee magaalaa kana keessa bittimse isiniidha,diddaa ABOn hoogganamee oromiyaa keessatti finiinaa jiru isinuma kan akka keessaniiti jedhuun miseensotuma isaa fi namoota nagaa qabuun yeroodhaaf bakka namootni kun itti hidhaman dhabamee jira, magaalaa kana kana keessatt FDG qabate maadhee Iftuu Bariitiin waraqaan dhaadannoo fi barruun waamichaa uummata hundumaaf hiramee jira,sirboonni qabsoo halkan guutuu kan sirbamaa bule yoo tahu,lukkuulee wayyaanee bakka olaanaa qaban,kaabinota wayyaaneef akeekkachiisni itti kennamuudhaan hidhattoota wayyaanee qabdoo oromoo deeggeran waliin saa 2 guutuu daandiin konkolaataa uummata jiraattoota magaalichaatiin sirbaa fi dhaadannoon gaggeeffamaa akka ture Qeerroon magaalaa kanaa gabaasee jira.Namoota miseensa isaa taanii fi namoota nagaa qabaman maqaan isaanii akka armaan gadiiti.
1. Obbo kaachoo Qajeelaa-abbaa maatii 6,dhimma nageenyaa magaalichaa.
2. Aaddee Biifee Gulummaa-miseensa OPDO-barsiistuu
3. Dargaggoo Birhaanuu Tarreessaa-hojjetaa dhuunfaa
4. Obbo Seefuu Gazzaany-waajjira faayinaansii keessa kan hojjetan abbaa maatii 3ti,
5. Barataa ogummaa fi teknikenii;Shufeeraa Ligdii
Kanneen jedhaman maatii isaani irraa Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 12:00 PM irratti kan qabamanii hanga haraatti bakka isaan itti hidhatam kan hin argamneedha.

No comments:

Post a Comment