Tuesday, January 6, 2015

Barruun Waamicha Qeerroo, Haala Yeroo Filannoo Sobaa Wayyaanee Irratti Ejjennoowwan Adda Addaa Qabatee Bahe Oromiyaa Guutuu Irratti Faca’uu Itti Fufee jira.

Amajjii 06,2015 Gabaasa Qeerroo

IMG_20100101_040842Qeerroon Oromoo waamicha adda addaa yeroo yeroon taasisu har’as itti fufuuni filannoo mootummaan abba irree Wayyaanee uummata Oromoo ittiin sobu ilaalchisee barruu qabxiiwwaan adda addaa qabaxe facaasaa jira. Akka barruu faca’e kana irraa odeessi nu gahetti, mootummaan abbaa  irree Wayyaanee bara baraan filannoo sobaa gaggeessuun mootummaa Dimokraatawwaa offakkeessaa gagaarsa Adduunyaa irraa fudhachaa bittaa umurii isaa dheereffachuu fi gargaarsa argamu kanaan dhumaatii ilmaan Oromoof oolaa waan jiruuf, sagalee dhorkachuu qofaa otoo hin ta’iin guutumatti dhimmoota filannoon wal qabatan hundaa irraa akka uummanni Oromoo irraa of ittisu dhaamsa qabate ta’uu ibsa.
Amajjii 5 bara 2015 ganama irraa Oromiyaa magaalaa fi baadiyyaa bakkoota adda addaatti fac’uu kan eegale yoo ta’u, addatti haga odeessi kun qindaahee nu qaqqabeetti magaalota naannowaa Finfinnee, Amboo, G/Baraat,Walisoo, T/Boolloo,Adaamaa, Bushooftuu, Mojoo, Baatuu Arsii Nagallee fa’aatti bal’inaan faca’aa akka jirudha. Kanumaanuu haala itti fufiinsaan faca’uu barruu kanaa yeroo yeroon jala bu’ee qeerroon kan gabaasu ta’uu hubachiifna.
IMG_20100101_040339IMG_20100101_040853IMG_20100101_040901IMG_20100101_041344

No comments:

Post a Comment