Friday, January 16, 2015

Wallaggaa Aaanaa Jimmaa Horroo Keessatti Filatnoo Mootummaa Wayyaaneen Wal Qabatee FDG Ka’uun Barattooti Oromoo 6 Hidhaman Kaan Amma Illee Diddaa Itti Fufan


Odeessa Jimmaa Horroo – Amajii 15, 2015

OromoQeerroo 2015_4

OromoQeerroo 2015_1Dargaggoota godina Wallagaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti argaman yeroo adda addaatti fincilli diddaa gabrummaa waan ka’aa tureef, kana malees humni WBOyeroo yeroon naannichatti waan sochii muldhataa muldhisuuf jecha dargaggoonni Oromoo diddaa sirna bulchiisa Wayyaanee waan qabaniif kaardiin filatnnoo Wayyaanee bara kanaa akka hin raabsamneefii murtiin darbe.
OromoQeerroo 2015_3
OromoQeerroo 2015_2
Dargaggoonni aanaa kanaa naamusa filannoo jeequuf warra qophaya jiran waan taheef jedhamee barattootas tahee dargaggoota hundaafuu kaardiin filannoo dhorkamuu Qeerroon gabaasaa jira. Akkasuma aanama kana keessa ganda Baabboo jedhamu keesstti dargaggootaan qarshii 3, 3 fidaa waraqaa eenyummaa baafadhaa isaan booda filannoof kaardii isiniif laanna jedhame tole jechuun dargaggoonni qarshii jedhame kana kennan, horiin isaan irraa fuudhames gara darbe dargaggoonni kaardiis fudhachuu hin dandeenye qarshii keenya deebisa Wayyaanee silaafuu hattuudha jechuudhaan daraggoonni Oromoo guyyaa kaleessaa FDG kaasanii jiru.
Haala kanaan namootni 6 dargaggoota kan qindeessu filannoon aka hin gaggeeffamneef dargaggoota ijaaraa kan jiraniidha jedhamuun ganda Baabboo irraa konkolaataa poolisiin galgala sa’a 12 booda waajjira poolisii aanichaatti
gaaffeman, namootni kun maqaan isaanii:
1. Mikaa’el Hirkisa-ogeessa fayyaa Looniiti
2. Nuuraddiin Muusaa-Daldalaa
3. Amad Horaa-Qonnaan Bulaa
4. Shaful Boshoraa-Barataa
5. Iddoosaa Raagaa-Qonnaan Bulaa
6. Shuumaa Lammeessaa-Qonnaan Bulaa
Namootni kun amma waajjira poolisii aanaa Jimmaa Horroo keessa jiru, maqaan ittiin yakkaman tokko namusa filannoo kan jeeqan, kana gochuufis uummata fi dargaggoota ijaarsa irratti kan argaman jedhamuun. Suuraaleen kun barattoota qabamanii fi loltoota sirncha muldhisa. Suurawwan barattoota ariyamanii kanneen nama 10

No comments:

Post a Comment