Friday, January 2, 2015

Gartuun Qeerroo Hegeree Booruu Magaalaa Adaamaa Guyyaa Amajjii 1 Sirna Miidhagaan Kabajatan.

Amajjii 02,2015 Adaaamaa
Waggaa Haaraa fi kabajaa guyyaa WBO sababeeffachuun dargaggootni hegeree boruu magaala Adaamaa keessatti haala hoo’aa tahee fi seena qabeessa taheen guyyaa WBO kabajatanii olan.
Kabajaan guyyaa kanaa eegala irratti  yaadannoo sammuu daqiiqaa 5f taasifnnee jirra  jaallan qabsoo bilisummaatif jecha maatii fi qe’ee isaanii gatanii qorraa fi aduu otoo hin jenne qabsoo bilisummaa otoo gaggeessan lubbuun dabartee fi Qeerrowwan barattoota Oromoo sodaa tokko malee harka qull’aa moottummaa gabroomsaa dura dhaabbachuun gaaffii abbaa biyyummaa finiinsuun otoo socho’an lubbuu isaanii wareega taasisan yaadachuun sagantaa eegalan, itti aansuun ,marii adeemsa QBO irraatti akkasumas farreen qabsoo ta’an irratti fi furmaata isaa waliin marii sa’aa dheeraa taasifmuu gabaasi qeerroo Adaamaa nu gahe addeessa ijoon mariin irratti xiyyeefatame keessaa kanneen armaa gadiiti,
  1. Bara 2014 keessa,adeemsi FDG godinaalee Oromiyaa keessa jiru maal fakkaataa turee fi bara  2015 keessa ammo bifa kamiin akka jabaachuu qabu
  2. Uummanni Oromoo biyya keessaa qe’ee irraa buqa’uu fi walii galli gaaffii mirgaa kaasuu fi abbaa biyyummaa falmachuuf daran jabaachuu waan qabuuf qeerroon ciminaan kan irratti akka hojjetu
  3. QBO keessatti gaheen haawwasni taphatu maal fakkaata ,hawwaasni akkamitti tumsa qabsoo bilisummaa faana taasisa
  4. Ummatni rakkoo mootummaa Wayyaaneen geesisaa jiru gahaatti dammaqiinsaan hubachuu akka qabuuf sabboontoti Oromoo bakka maratti dirqama hawaasa dammaqsuu akka qaban fi haalota qabsoo bilisummaa Oromoo walii gala irratti marii gaggeefataa akka turan odeessi nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment