Monday, January 12, 2015

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee, Uummanni Dirqamaan Kaardii Filannoo Akka Fudhatu Taasisaa Jira. Godina Lixa Shaggar Keessatti Ammoo Mana Uumataa Sakatta’uu fi Duula Hidhaa Eegaluu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Amajjii 12,2015

images (1)Mootummaan Wayyaanee filannoo fakkeessaa bara baraan gaggeessaa ture, ammas akkuma aadeffate uummanni kaardii filannoo dirqamee akka fudhatu taasisaa jira. Akka odeessa Oromiyaa bakkoota adda adda irraa nuqaqqabetti, uummanni Oromoo abdii filannoo sobaa mootummaa Wayyaanee irraa dhabeen ejjenoo kaardii filmaataa fudhachuu dhiisuu fudhataa jiruun kan hubate sirni abbaa hirree wayyaanee maloota garaagaraatti fayyadamuun uummanni dirqamee akka fudhatu taasisaa jiraachuu isaati.
Wayyaaneen maloota dirqamaan fudhachiisuu keessaas garee tokko shanee jedhuun akka fudhatan taasisuu fi kan hin fudhatiin hafe ammoo farra misoomaati jechuun gamanumaa uummata doorsisaa jiraachuuniis hubatameera. Uummanni Oromoo ejjennoo kaardii filmaataa fudhachuu dhibuu murteeffatees doorsisa sirna abbaa hirree Wayyaaneef akka hin jilbeeffannes ifatti mul’isaa jiraachuus odeessi qeerroo mirkaneessa.
Gama biraan haalota kanaan wal qabsiisee Mootummaan Wayyaaneen  Amajjii 11,2015 Godina Lixa Shaggaar Aanaa Amboo,Magaalaa Amboo fi Gudar irratti Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF humnota tikaa isaa bobbaasuun Uummata goolaa jira; Duulli hidhaas itti fufee jira.
Haala kanaan guyyaa har’aa mootummaan Waayyaanee akkuma amala isaa magaalaa Amboo fi Naannoo Amboo irratti xiyyeeffaachuu humnota tikaa fi poolisoota Federaalaa bobbasuun mana galmaa uummataa sakkata’uu fi sabboontoota Oromoo doorsisuu fi ilmaan Oromoo nagaa hidhatti darbaa jiraachuun saaxilamee jira.
Aanaa Amboo Ganda Waddeessaa irraa ilmaan Oromoo nagaan qonnaan bultooti 4 Oromummaan yakkamanii hidhamuun bira ga’amee jira. Ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamanii hidhaman kunneen:
1. Jifaaraa Caakkaa
2. Lachiisaa Caakkaa
3. Lataa Shukkaraa fi
4. Kumsaa Dirribii kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo nagaan keessa jiraachuu gabaasi Qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment