Friday, January 2, 2015

ABO-Jijjiramaa: IBSA YAADANNOO GUYYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO

Haga Ummanni Oromoo Haqa Isaa Deeffatutti falmiin Bilisummaa Itti sufa (fufa).
Ummanni Oromoo ummatoota gaanfa Afrikaa keessatti bilisummaan jiraataa turee keessaa ummata tokkoo. Ummanni kuni ummata sirna woliqixxummaa fi bilisummaa ilmaan namaa fi uumaaa (sirna Gadaa) bu’urse. Ummanni Oromoo sirna gadaa sirna waan hundaa of keessaa (hawasummaa, waraana, Dinagdee, siyaasaa fi qunnaamiti ) qabu ijaaruun ummata boonee mirga isaa eegsifatee gaanfa Afrikaa irratti jiraataa ture.
Ummanni Oromoo dhuma Jaarraa 19tti fi jalqaba jaarraa 20tti biyyaa fii bilisummaa isaa sarbame. Biyya isaa saamame. Qeyee isaa irratti tuffatamee, saamamee,ajjeefamee akka gabroomu godhame.
Ummanni Oromoo ummata akka laayyootti gabrummaa jalatti kufee miti. Ummata gootummaan diina afoo dhaabbatee Bilisummaa isaatiif lolaa turee dha. Kuni waan Oromoon ofi himatu qofa osoo hin taaane ka ragaan alagaa mirkaneesse dha.
Ummanni Oromoo bakka adda addaatti diina afoo gootumaan dhaabbatee lolaa akka turee seenaan Oromoon diddaa garbummaa irratti godhe ni mirkaneessa. Lola diddaa garbummaa kan gootonni ilmaan Wolloo, Macaa , Tullama, Arsii fi Humbanna kaasuun ni danda’ama.
Ummanni Oromoo erga garbummaa jalatti kufee guyyaan inni garbummaa fudhaatee bulee hin turre. Sochiin ilmaan Oromoo bakka adda addaatti: Wollootti, Tulaamatti, Muccatti , Baaleetti fii humbannatti godhaan yaadaatuun ni gaya. Sochii mirgaa fi bilisummaa sabaa fi biyyaa goonfachuuf abbootii fi haadholeen keenya taasisaniin akka sabaatti of beeknee akka biyyaatti Oromiyaa qabaachuu keenya addunyaatti mudhisnee jirra. Qabsoon ilmaan Oromoo qaqqaaliin wereegama lubbuu, qabeenyaa, yeroo fi beekkumsa isaanii itti kaffalaniin yeroo ammaa gaaffiin mirgaa fi bilisummaa Oromoo sadarkaa duubatti deebi’uu hin dandeenye irra gahee jira. Lafee fi dhiigni gootota keenya dhaloota eenyummaa isaa beekee mirgaa fi bilisummaa biyya isaaf falmatu geessisee jira. Kanaaf, guyyaa WBO yeroo yaadannu injifannoolee nuu hafan goonfachuuf xurree gootonni keenya akeekanii taraaran irra buunee galii qabsoo Oromoo fiixaan baasuuf guyyaa waadaa itti seenuu dha.
Ilmaan Oromoo Adda Bilisumaa Oromoo jalaatti ijaaraman falmii bilisumaa Oromoo erga eegalani waggaa afurtama ka lakkaayyate yoo ta’uu , ummanni Oromo ardhalee bittaa sirna bicuu TPLF jalatti kufee jira. Haa ta’uu malee diddaan sirna garbummaa ka yeroo kamiituu caalee itti sufee jira.
Addi Bilisummaa Oromoo , yeroo guyyaa ayyaana waraana Bilisumaa Oromoo yaadatu gammaachuu fi gaddatuu wol fanaa itti dhagayama.
Gammachuun itti dhagayamu, Oromoon gootota ilmaan isaa sodaa tokkoo malee lubbuu isaanii sabaa isaaniif dabarsanii kennan qabaatuu isaatii . Osoo Oromoon gootota akkanaa qabaatuu baatee, silaa hagam qaaniin ilmaan Oromootti dhagayaama ture.
Galanni gootota falmii irratti wereegamaaniiif haa ta’u, ilmaan Oromoo bayaa dhiyaatti, kaabaa kibbaatti fi jiddugaleesaatti bilisummaa sabaa isaaniitiif jecha sodaa tokkoo malee diina afoo dhaabbataa jiran. Wereegamni isaanii akka Oromoon mataa olqabatee diina afoo dhabbatee falmatu godhee jira.
Gara biraatiin bilisummaa gootonni ilmaan Oromoo lubbuu isaanii itti dabarsan haga ardha ummanni Oromoo injifannoo isa maayyii osoo hingooffanne jiraatuu isaati. Kuni Oromoo hundaaf gadda. Haa ta’uu garuu wereegama fedhellee gaafatu , bilisummaan Oromoo waan enyullee hambisuu dandahuu miti (It’s a Manifest Destiny).
Diinni yeroo ammaa biyya keenna saamaa , ummata keenna hidhaa , ajjeesaa, biyyaa baasaa jiru akka bilisummaa Oromoo hanbisuu hin dandeenne beekee osoo yeroon itti hin dhiine Oromiyaa fi Oromoo gadi dhisee akka deemu akkeekachiifna.
Qabsoon Ilmaan Oromoo bilisummaaf godhaa jiran qabsoo haqaa waan ta’eef sa’aa tokkoofillee osoo hin dhaabbanne haga Oromiyaan bilisoomtutti ka itti fufu ta’a.
Ardha yeroo guyyaa waraana bilisumaa Oromoo yaadaannee oolluu wereegama isaan bilisummaa ormootiif baasan galatoomfataa, Addi Bilisummaa Oromoo Imaan Oromoo bakka jiru hundatti tokkumma’aan kaanee wereegamaa nurraa barbaadamu kafallee gumaa gootota keennnaa Oromiyaa diinna jala baasuun haa mirkaneessinuu.
Dhuma irratti yeroo kamuu caala qabsoo ilmaan Oromoo gaggeessaa jiraniin, diinni keenya kan amma aangorra jirus ta’ee, kan kaleessa sirnuma wal fakkaataa gaggeessaa turan burkuta’aa fi shororkaan mooraa isaanii dhuunfate dha. Oromiyaan dhaloota haarawa kan garbummaa fi bittaa alagaaf hin jilbiiffanne geessifate jirti. Keessumaa diinni keenya kan nurra bubbulee fi nurra turuu abjootuuf tokkummaa dhabiinsa mooraa qabsoo Oromoo ti. Kanaaf jecha dhaabbilee siyaasaa ta’ee ,caasaan hawaasa Oromoo Oromiyaa keessaa fi biyya ambaa maadheffatanii jiran, akka oromooti hiree tokko qabaachuu keenya hubannee tokkummaa fi danboobina mooraa qabsoo Oromoo keessatti fiduuf adda duree ta’ee kan hojatu ta’uu isaa carraa kanatti gargaaramuun ummata Oromoo fi qabsa’ota Oromoof waadaa seena.
Oromiyaan dhiiga ilmaan isiitin bilisoomitii!
Kabajaan Guyyaa Waraana Bilisummaa Oromoo bara baraan ni jiraataa!
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 1, 2015

No comments:

Post a Comment