QeerrooAmajjii 6,2015 Ergamaan Wayyaane A/Duulaa Gammadaa (Minaaseen waldee Goorgiis) olola diinummaa butachuun hawwaasa Oromoo saawudi Arabia jiran dura dhaabbachuun yakki ajjeechaa fi hidhaa akkasumas saaminsa Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF fudhachaa jiruun tarkaanfii sirriidha  jechuun yakka lammaffaa kan dhiifama hin qabne ilmaan Oromoo irratti dalagee jira.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo olola diinummaa Abbaan Duulaa gaggeessaa jiru kun uumata Oromoo biraatti yakka  ulfaataa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO’n uummata Oromoo irratti rawwate jabeessuun kan itti fufsiisa jiru ta’uu hubachuun jabeessee balaaleffachuun Qeerroon gadi jabeessee ibsa.
Qeerroon, Dargaggootni Barattootni Oromoo olola Abbaan Duulaa (Minaaseen) ofaa jiru cimsinee kan balaaleffatu  fi Abbaan Duulaa Gammadaa ofiin jedhu Yakka dugugginsa sanyii (genocide ) uummata Oromoo irratti gaggeeffamaa jiruuf itti gaafatamaa ta’uu jabeessinee hubachiifna. Uummatni Oromoo Biyyoota ambaa garaagaraa keessa jiraatu ergamtoota Wayyaanee kam waliin iyyuu qunnamtii akka hin goonee fi Qondaalota Wayyaanee kanneen dura mormii guddaan akka dhaabatu fi FDG akka irratti kaachisuu waamicha dabarsina.
Torbee kana Keessaa Ergama Wayyaanee bakkaan gahuuf kan bobbae Abbaan  Duulaa Gammadaan ergama diinummaa butachuun  duguginsa sanyii Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo irratti fudhachaa jiru sirriidha jechuun uummata Oromoo  biyyoota  Saawudi Arabia garaagaraa jiran dura dhaabbachuun yakka itti gaafatama seeraa fi seenaa jalaa isa baasuu hin dandeenye dalagaa jira.  Abbaan Duulaa Gammmadaa gaaffii barattootni Oromoo karaa nagaa fi Dimookiraasii gaafachaa jiraniif deebii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF deebise Ajjeechaa jumlaa, hidhaa, barnoota irra arii’amuu, keessumattuu Mootummaan Wayyaanee human waraana Liyuuhayil fi Agaazii jedhamu uummata Oromoo irratti bobbaasuun guyyaa saafaa daa’imman umrii ganna 7 fi manguddoo gannaa 80 ajjeesee utuu jiruu  Abbaan Duulaa (Minaaseen) kan Mootummaan ajjeese kashalabboota fi waanbadeedha jechuun warraa dhukaasee ajjeesee olitti yakka ulfaataa uummata Oromoo irratti rawwaachaa jiraachuu ifatti ba’ee dubbachaa jira.
Yaa Uummata Oromoo hubadhaa ilaalaa diina keessan Warra Oromiyaa dabarsanii gurguran, warra uummata Oromoo ficisiisaa jiran,Qabeenyaa Oromoo saamsisaa jiran, warri Oromiyaa gurguraa jiran  keessa tokkoo Abbaa Duulaa Gammadaa ta’uu Oromoon dagachuu hin qabu. Mee Oromoon Minaasee Gaaffii kana gaafadhaa  Daa’imni gannaa 7 maal balleessetu  rasaasaan reebamee ajjeefame?, manguddoon gannaa 8o badii maalii qabaaf rasaasaan reebamee ajjeeffame?? Qabeenyaan Oromiyaa maaliif samamaa?  Barattootni Oromoo meeshaa maleeyyii irratti mootummaan wayyaanee waraana bobbasuun maaliif ajjeefamanii? Jumlaan hidhamanii? Barnoota irraa arii’atamanii? Gaaffii barattootni Oromoo gaafachaa jiraniif maaliif rasaasni deebii ta’ee? Gaaffiin barattoota gaaffii mirga Abbaa biyyummaa fi hiree Murteeffannati. Master plan Finfinnee warraa qopheesse keessa tokko Abbaa Duulaa Gammadaa (Minaasee) ta’uun ifatti saaxilamee jira.  
     Walumaa galattii ilmaan Oromoo sabboontotni Oromoo mooraa dhaaba jalee Wayyaanee OPDO keessatti argamtan ergamtuu Wayyaanee kanneen akka Abbaa Duulaa Gammadaa, Dhaabaa Dabalee, Muktar Mohaamed, Asteer Maammoo,  fi Zalaaleem Jamaanee irra of eeguun bakka isaan argaman hundatti FDG akka irratti kaachiftan dhaamsa dabarsina. Uummatni Oromoo Fincila waliigalaa irratti kaachisuun bara xummura abbaa irree akka goonu  waamicha dabarsina.