Thursday, January 8, 2015

Beeksisa Kitaaba Haarawaa Qeerroo Bilisummaa Irraa


 Kitaabni Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) bara 2014 keessa finiinaa ture Afaan Engliffaan gabaasu Qeerroo Bilisummaatiin maxxanfamee raabsamaa jiraachuu gammachuudhaan isin beeksifna. Kitaabni matadureen isaa “A Chronological Summary of Oromian Student Movement Led by Qeerroo Bilisummaa” jedhuu fi Obbo Daandii Qajeelaatiin barreeffame kun cuunfaa fincila barattootni Oromoo waggaa tokkoof taasisanii fi wareegama uumati Oromoo FDG irratti baase guyyaa fi bakka akkasumas maddasaa (link) waliin kan galmeessee kana malees sochiilee uumati Oromoo taasisaa jiruu qabeenya samame ilaalchisee waa hedduu of keessaa qabu kana ummanni keenya harka irraa qabaatee seenaa dhaloota hegereef  kaa’u dha.Kitaaba haaraa 2
 Dhala Oromo kanneen taatan, sabboonummaa Oromummaa qabna kanneen jettan, kitaaba kana bitadhaa yaadannoo seenaaf kaayaa. Dhala keessanittis dabarsaa. Alagaaf firoottan Oromoo ta’aniif bitaa kennaa. Kana malees daandii itti FDG barattootaa maallaqaan tinnistan dhabdanii kanneen rakkachaa turtan, kunoo kitaaba kana bituudhaan akkasumas raabsuudhaan Dargaggoota Oromoo( Qeerroo)biyya keessaa lubbuusaanii wareegamaaf saxilanii qabsoo finiinsa jiran tinnisaa.        

No comments:

Post a Comment