Saturday, January 24, 2015

Daragaggoonni Oromoo Sababaa Filannoo Gufachiisuuf Karoorfattaa Jiru Jedhuun Mana Hidhaa Wayyaaneetti Darbamuun Hammaate.

Gabaasa Qeerroo Amajjii 23,2015 Finfinnee
Because I am OromoSirni Wayyaanee filannoo dharaa baatii Caamsaa keessa gaggeessuuf deemu irraa
sodaa sochii uummataa irraa qabuun kan kahe uummatni kaardii filmaataa humnaan akka fudhatu taasisuu irra dabree uummata addatti dargaggoota Oromoo kaardii filmaataa hin fudhannu jedhan mana hidhaatti dabraa jiraachuu gabaasonni Qeerroo bakkoota garaagaraa irraa nuqaqqabe addeessa. Dargaggoota kanneen filannoo kaardii fudhachuu didan isintu akka uummanni kaardii filannoo hin fudhanne taasisaa jira, filannoos gufachiisuuf deemtu jechuun ragaa qabatamaa hin qabneen mana hidhaatti dabraa jira. Dargaggoota godinaalee irraa hedduminaan hidhamaa jiran keessaa adda durummaan sochii Warraaqsaa qindeessuun uumata mootummaa irratti kakaasuun filannoo gufachiisuuf deemtu kanneen jedhaman keessaa kanneen Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa:
  1. Dargaggoo Amaan Mohaammadii fi Jamaal Kadiir Roobaa, Baatuu irraa achuma mana hidhaa buufata poolisaatti dabramuun kan argaman.
  2. Dargaggoo Tesfaayee Guutaa, TulluBoolloo irraa, achuma buufata poolisa Tullu Boollootti dabramee kan argamu.
  3. Dargaggoo Gulummaa Caalaa fi Asaffaa Nadhii Sandaafaa irraa, achuma buufata poolisa Sandaafaatti kan darbaman.
  4. Dargaggoo Daani’eel Gammachuu magaalaa Incinnii irraa achuma buufata poolisa Incinniitti darbamanii kan argaman yoo tahu; Kanneen bakkoota gargaaraa irraa mana hidhaatti darbamanii jiran guutummaa isaa Qeerroon gara fuul duraatti qindoominaan ni gabaasa.

No comments:

Post a Comment