Wednesday, January 14, 2015

Oromummaa Isaanii Qofaan Yakkamuun Barattooti Oromoo Kolleejjii Barsiisota Jimmaa 17 Qondaalota Wayyaanee fi Bulchitoota Mooraan Akeekachiisi Yeroo Itti Kennamu 8 Ammoo Tohannaa Jala Jiru

Gabaasa Qeerroo Jimmaa

oromo in ethioAmajjii13,2015 Sabboontootni barattootni Oromoo Koolleejjii Barsiisota Jimmaa Oromummaa isaanii qofaan yakkamuun mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/OPDO’shororkeeffama jiru. Mooraan Dhaabbilee barnoota olanoo biyyattis mooraa Siyaasaa fi Waraanatti jijjirama jira.
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee torbee darbee keessa sabboontota Kadhmamtoota barsiisota Oromoo Koolleejjii barsiisota Jimmaa irraa Leenjii barsiisummaa fudhacha jiran kanneen waggaa 3ffaa barachaa jiranii fi eebbfamtoota ta’ani yeroo amm piraaktikeemiidhaf bobbaafamani jiran irratti shira guddaa xaxaa jiraachuun barattoota Oromo homaa baalleessa tokko ilee hin qabneen isin yakkamtoota mootummaa keenya irratti fincila gaggeessa jirtu jechuun Barattootni Oromoo 18 dabballootaa Wayyaaneef ergamanii bulanii fi hogganaa koolleejji barsiisota Jimmaan doorsifaman, ergamtootni sirnichaa fi dhaaba jalee Wayyaaneef ergamanii kanneen ilmaan Oromoo akka hin baratneef barnoota irraa ugguraman gochaa jiran keessa Abbaa Zinaab hogganaa koollejjii barsiisota Jimmaa fi dabballee human tikaa Wayyaanee nama Taarikuu jedhamu wal ta’uun ilmaan Oromo akka hin baratneef maqaa Wallee Warraaqsaa sirbuun ABO f WBO faarsitan, Sirboota qabsoo Sirbitan, mootummaa keenyaa irratti wallee warraqsa sirbuun uummata kakasaa jirtu  jedhuun barattoota Oromo dararuu irraatti argamu barattootni Oromo haala kanaan dararama jiranii fi barnoota irraas ni arii’amtu jechuun dorsfaman:
1,Barataa Muktaar Hamdii
2,Barataa Rabbirraa Geexee
3,Barattuu Hawwii Guutuu
4,Barataa Magaarsaa Gobaanaa
5,barataa Fayyisaa Mijanaa
6,baraaa Zufaan Adafaaris
7,barataa Abbabaa kumsaa
8,barataa Guddisaa Bongaasee
9,barattuu Jalaannee Guddataa
10,barataa Mustaafaa Huseen
11,barataa Zawudee Qadidaa
12,barataa Amiin Wadoo
13,barattuu Maraartuu Geetuu
14,barataa Qanaanisaa Dhaabaa
15,barattuu Yetnabbarsh Mallasaa
16, barataa Tasfaayee Dajanee
17,barataa Buziyee kannen keessatti argaman ilmaan Oromoo dabballoota ergamtoota wayyaaneen dorsifamuun barnoota isanii irra ugguramaa jiranii fi kanneen dabbaloota wayyaaneen shorokeeffamaa jiran ta’uu n hubachiifna.
Kuni utuu kanaan Jiruu ergamtootni Wyyaanee kun ittuma fufuun barattoota Oromoo 8 irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun Amajjii 13/2015 beeksisaa irratti basuun barattoota Oromo mooraa koolleejjii barsiisota Jimmaa Biiroo hogganaa kollajjichaatti waamuun doorsisaa jiraachuun bira ga’ame jira. Barattootni Oromoo haala kanaan dararama jiran keessa:
  1. Barataa Tokkummaa Hundee mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  2. Barataa Gulummaa Lammaa mummee  Afaan Ingiliffaa waggaa 2ffaa
  3. Barataa Ababaa Gudee  mummee biology waggaa 3ffaa
  4. Barataa Asaffaa dhugumaa mummee Keemistirii waggaa 3ffaa
  5. Barataa Taaddalaa Taarikuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
  6. Barataa Abarraa Dheeressaa mummee Herreegaa waggaa 3ffaa
  7. Barataa Qaqqabaa Humneessaa mummee herreegaa wagga 3ffaa
  8. Brataa Sabboonaa Awwaqii mummee Herreegaa waggaa 3ffa kanneen baratan addatti basuun doorsifni fi shororkeessi Oromoo ta’uu qofan irratti gaggeeffama jira.
Gochaa diinummaa kana fi uggura barattoota Oromoo irratti rawwatamaa jiru kanaan walqabatee FDG dhoofamuuf akka jiru  Qeerroon Bilisummaa Oromoo hubachiisuun, Barattootni oromoo Oromummaan Yakkamuu fi Doorsifamun gootummadha,gootni biyyaaf falmata, dhugaaf dubbata ilmaan Oromoo walduukaa dhaabbachuun shiraa fi shororkeessuummaa wayyaanee dura haa dhaabbannu jechuun dhaams dabarse.

Share this:

No comments:

Post a Comment