Monday, January 26, 2015

Wallagga,Godina Horroo Guduruu Aanaa Jaardagaa Jaartee Keessatti FDG Humna Mootummaan ol Tahe Dhohe.

Gabaasa Qeerroo Aliboo Amajjii 26,2015
diddaa9Mootummaan abbaa irree Wayyaanee Bara filannoo 2015 kana milkeessuudhaaf duula Kaardii fudhadhaa humnaan gaggeessaa jiraachuun isaa beekamaa dha. Haalli kunis Aanaa Jaardagaa Jaartee Magaala Jaardagaa fi Aliiboo keessatti daran hammaataa tahuu irraan darbee tajaajilawwan hawaasaa Karoora mootummaa Guddinaa fi Tiraanisfoormeeshinii jedhamuun Uummatatti ololaman keessaa kanneen akka Ibsaa fi Bishaanii haala olaanaadhaan Uummata Magaala Aliiboo rakkisuu fi himatanis qaamni deebii deebisuuf waan dhibeef Hiriira nagaa Humna mootummaa wayyaanee ol tahe godhanii jiran. Barattootni, Barsiisotni, Jiraattootni, Daldaltootni, Hojjettootni mootummaa fi dhuunfaa magaala kana keessaa guutummaan hiriira kana keessatti hirmaachuudhaan diddaa dhageessisanii jiran. Dargaggootnii fi Uummatni Hiriira kana irratti bahuudhaan walleewwan Warraaqsaa ‘’ SII WAYYAAREE, OROMOON LEENCUMA DURUU, ABO NUUF WAYYA,..’’ Kanneen jedhaman wallisuudhaan dhaadannoowwan garaa garaas dhageessisuu irratti argamu. Dhaadannoowwan
1.      Tajaajilawwan Hawaasaa kanneen akka Ibsaa argachuu qabna
2.      Kanneen hidhaman haa hiikaman
3.      Kaardii filannoo dharaa hin fudhannuu fi kanneen biroo kaasuudhaan Hiriira nagaa gaggeessuu irratti argamu
Ebla 2014 keessas Uummatni Magaala kanaa adda durummaan Master Plan wayyaaneen qopheessite dura kan dhaabbate yoommuu tahu FDG itti fufinsa qabu gaggeessuudhaan Mootummaa wayyaanee hundeedhaan akka buqqisuuf FDG itti fufanis hooggansi Qeerroo Magaala Aliiboo gabaasee jira.
Hub: Waraabbii Sagalee akka nu dhaqqabeen isin dhaqqabsiisna.

No comments:

Post a Comment