Monday, January 19, 2015

Ayyaana Guyaa WBO biyya Ayelaanditti Kabajamee oole

Amajjii 19, 2015

Ayyaanni gootota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan bara 2015 kaleess gafa 17/01/15 magalaa guddittii Ayerlaan Dabliin keessatti haala howwaa fi gammachiisaan kabajamee ooleera. Uummatinii Oromoo fi sablammii biro ABO deggerani fi miseenso ABO magalaatota fagoo adda addaa irra dhufuun abdiif gaachana isaanii kan tae WBO faarfachaa waliin olaaniru.
Haala  gidraa yeroo amma uummatini oromoo keessa jiru kan dhabamsiisuu dandau gaachana uummataa Oromoo kan tae kofa akka tae hubbantanii waan danda’ame hundaan akka bira dhaabbatani Jaal Dibaabaa Tafassaa ibsi bal’aa kan kennan yeroo tau, itti dabaluunis hunbannoon fi dammaqiinsi uummatni Oromoo amma qabu gammachiisaa fi qobsoo bilisumaa fininsuuf haala mijataa akka taef ilbisaniiru.
Oromoonnii if sablammii biroo waaee Oromoo akka gaariitti akka hubatani seenaa Oromoo fi haala siyaasa Empire Itoopiyaa akka dubbisanii fi hordofani dhaamsi dablataa namoota dhufaniif kennaameera.
Warri ayyana kana irraatti qooda fudhatani waloonis taee nam-tokkeen WBO waan danda’aan hundaan akka gargaaraan yaada isaanii ibsachaa oolaniru. Alaabaaa ABO qabatanii sirba, faaruu qabsoo fi faaruu tokkumaa Oromoo waliin faarfachaa ooluun ayyaanicha haala gammachiisaan waliin kabajachaa oolaniiru.
ireland
Oromiyaan Ni Bilisoomiti
Diinni ishee ni barbadoofti

No comments:

Post a Comment