Sunday, January 4, 2015

Barri Haaraan Amajjiin1 2015 fi Guyyaan WBO Haala Qindoomina Qabuun Oromiyaa Keessatti Kabajame.

Gabaasa Qeerroo Amajjii 4,2015
Barri darbe 2014 seenaa Uummata Oromoo keessatti bara hammeenyi Wayyaanee daangaa hin qabne uummata Oromoo irratti raawwate galmee seenaa hin dagatamne galmeessisee fi dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’eef gadda ulfaatan dabarsine haa ta’uyyu malee karaa biraa ammoo qabsoon Oromoo golee Oromiyaa cufa irraa finiinee, Oromoon warraaqsa FDG irratti wareegama baasuun warraaqsa FDG karaa nagaan qabsiisee wareegama qaalii kanfaluun gadda sana qalbii Oromoo keessaa haqee Qabsoo Oromoo sadarkaa Idil-Addunyaatti dhageettii horachiise tauun ni hubatama. Waggaa haaraa 2015 kana yeroo simannu gochaa diinaa daangaa hin qabne kanatti xumura gochuu fi qabsoo Oromoo hanga bilisummaatti finiinsuun galii isaatiin ga’u dandeenyu ta’uu qaba.
Amajjiin tokko Guyyaan WBO fi barri haaraan 2015 Godinaalee Dhihaa Oromiyaa fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Oromiyaa fi Dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo fi sabboontota uummata Oromoo hedduminaan hirmaachise kun haala baay’ee ho’aa fi dinqisiisaa akkasumas Qindoomina qabuun kabajame. Kabaja guyyaa seena qabeessa kana wanti adda godhu, uummatni Oromoo fi dargaggootni Oromoo dhaamasa gurguddaa waliif dabarsuun Muddee 31/2014 jalbultii irraa eegaluun bifa hoaa taee fi sagantaa fi karooraa hojii qindeeffachuun tokkummaan walitti dhufuun lafa diinaan marfamee eegamaa jiru Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota Olaanoo keessatti bifa qindoomina addaa qabuun kabajame, amma illee itti fufee kabajamaa jira.
Dhaabbilee Barnoota Olaanoo godina Oromiyaa garaagaraa irraa haallii kabaja guyyaa WBO fi waggaa haaraa 2015 akka armaan gadii nu qaqqabee jira.

No comments:

Post a Comment