Friday, January 23, 2015

Humni Tikaa fi Bulchitooti Wayyaanee Dirqamaan Uumata Kardii Filatnoo Fudhachiisuu Imaamata Godatan.

Amajjii 23,2015 Finfinnee
images (1)Uummanni Oromoo filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa mootummaa Wayyaaneen bara baraan gaggeessu ijibbaate ejjennoo mataa isaa fudhatuutti jira. Ummanni filannoo baroota dabran wayyaaneen gaggeessaa turte irraa waa barate, filannoo barana wayyaaneen Caamsaatti gaggeessuuf deemtu sagalee isaa kennuu irraa ofqusachuuf ejjennoo kaardii filmaataa fudhachuu dhiisuutti jira. Mootummaan abbaa hirree ejjennoo uummataatti garaan gubataa jiru, tarkaanfii dirqisiisanii uummata fudhachiisuun bakkoota garaagaraatti hammaatee itti fufee jira. Akka gabaasonni  Qeerroo Oromiyaa bakkoota garaagaraa irra nu qaqqabetti mootummaan wayyaanee karaa caasaa tokko shanee jedhuun uummanni akka kaardii filmaataa fudhate to’achuun ala karaa gama bulchiinsotaa fi dabballoota gandaatiin mana nama dhuunfaa irra deemuun kaardii filmaataa fudhatuu fi dhiisuu isaa adda baafachuu, yoo hin fudhanne dirqiin akka fudhatu taasisuutti kan jiran ta’uus, uummanni ammoo fudhatuu fi dhiisuun mirga akka tahe jabeessee dabballoota wayyaanee hubachiisaa jira.
Haga gabaasni kun nu qaqqabetti, bakkoota uummata dirqisiisanii fudhachiisan keessaas, gandoolee  baadiyyaa fi magaalota naannoo Jimmaa, Aggaaroo, Sukorruu, Giincii, Ejeree, Hoolotaa, Baatuu, Moojoo, Baakkoo-Tibbee, Daannoo, Ijaajjii, Arjoo Guddattuu, Waayyuu, magaalotaa fi baadiyyaalee naannoo Finfinnee kan akka Sabbataa fi Alem ganaa, Burraayyuu, Sulutaa, Dukaam, Sandaafaa, galaan fa’aa akka tahe odeessi nu qaqqabe ibsa.

No comments:

Post a Comment