Monday, January 19, 2015

Kutaalee Oromiyaa Keessaa Hogganoota Gandaa Walitti Qabuun Leenjii Bultii 6 Magaalaa Adaamaa Keessatti Kennaa Kan Jiran Qondaaloti Wayyaanee Gaaffii Hirmaattota Irraa Itti Ka’een Salphatan.

Gabaasa Qeerroo Amajjii 18,2015 Adaamaa
AdaamaaMagaalaa Adaamaa Keessatti Maqaa  Leenjii jedhuun seenaa Ithiopia fi akkaataa ittiin filmaata mohatan kan barsiisan qondaaloti Wayyaanee hirmaattota irraa gaaffii itti ka’een salphataa akka jiran gabaasi Qeerroo walgahicha irraa nu gahe addeessa
Konkolaattonni kun tibba kana sochii mootummaan Wayyaanee kutaalee Oromiyaa mara keessaa hanga gandaatti hooggantoota gandaa fi seelii sarviisii akkasumas anga’oota OPDO walitti qabuun maqaa leenjii jedhuun magaala Adaamaa galma Abbaa Gadaa fi galma Hoteela Karrayyuutti teesisaa jiru  dha.
Maqaa leenjiitiin walgahiin yaamame kun mootummaa Wayyaaneef milkoomina fidaa hin jiru, akka maadheeleen Qeerroo walgahii kana keessaa gabaasanitti mootummaan Wayyaanee sodaa ummata Oromoo irraa qabu irraa ka’uun olii fi gadi nu joorsaa jiru jedhu qabiyyeen walgahii kanaa bulchiinsa gaarii jechuun dhimma filannoo fi seenaa Itoophiyaa barsiisaa akka jiran gabaafama. Haa ta’u malee akkuma armaan dura artistoonni Oromoo aangawoota Wayyaanee  gaaffiidhan muddan hirmaattonni kunis gaafilee garagaraa itti kaasan akka fakkeenyaatti lafti qote bulaa sababa investiin fudhatamaa qote bulaan qee’eerraa maaf buqqa’a kan jedhu fi kkf haa tahu malee hooggantoonni walgahii kanaa gaaffii mana keessa ka’u sagalee dhoorkuf jecha namoota gaaffii kaasan isin ilaalcha addaa qabdu jechuun nurratti xiyyeefachaa jiru jedhu ,waan fedhes tahu nuti gaaffii gaafachuu hin dhiifnu jedhchaa akka jiran maadheen Qeerroo walgahicha irraa gabaasa.
Walgahiin kunis guyyoota 6 akka turuu deemu gabaasi qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment