Monday, January 5, 2015

Guyyaan WBO Meelboorni Awustraaliyaa keessatti sirna ho’aan kabajame


Amajjii 4, 2014
melbornewbo1Guyyaan WBO naannoo Awustraaliyaa, magaalaa Melboorni keessatti bakka hogganootni ABO, miseensotni fi hawaasni Oromoo heddumminaan irratti argamanitti guyyaa Amajjii 3, bara 2015 sirna ho’aan kabajamee ooleera. Qindoomina ABO konyaa Viiktooriyaatiin sagantaan qophaawe kun kan eegalame eebba manguddootaan, wareegamtoota yaadachuun fi faaruu alaabaani dha.
melbornewbo2
J/ Gammachuu Fayyeeraa hirmaattotaan baga nagaan dhuftan eega jedhanii booda J/Bultum Biyyoo ittii anaa hayuduree, koree hojii raawwachiiftuu ABO fi miseensa gumii sabaa akkasumas J/ Gaashuu Lammeessaa misensaa gumii sabaa fi itti gaafatamaa beksiisii fi Odeessi  biyya alaa waltajjii irratti affeeraniiru.
J/Bultum Biyyoo seenaa WBO, rakkina yeroo adda addaa fi bakka adda addaatti WBOn keessa taree fi haala qabsoon yeroo amma itti jirtu balínaan ibsaniiru. Itti dabaluunis bara 1979 Amajiin 1 guyyaa WBO ta’e akka kabajamu erga qondaalotaa fi hogantootan murtaa’ee jalqabee kabajamaa akka jiru ibsaniiru.
melbornewbo3Itti aansuudhaan J/Gaashuu Lammeessaa  bara 2014 darbe kana keessa qabsoon Oromoo hagam akka finiinee fi rakkina uummatni Oromoo   lafa isaa irraa buqqa’uu fi barattootni barumsa isaanii irraa ajjefamuu, hidhamuu fi hari’amuu ballinaan ibsaniiru. Itti dabaluun wa’een rakkina Uummata Oromoo idli addunyaa irratti warren mirga dhala namaaf falmanii fi mootummoota addunyaa biratti dhagahama guddaa argachuu isaa dubbataniiru.   Akkasumas mootummaan wayyaanee wal-dhibdee keessa issaa itti qabuu  fi ollaalee waliin rakkina inni keessa jiru  erga ibsanii booda qasoo uummatni Oromoo geeggeessaa jiruuf haalli gaarii fi mijataan ijaa jiruuf uummatni Oromoo gamtaadhaan qbsoo ABOn geggeefamu maddi akka dhaabbatu waamicha godhaniiru.
melbornewbo4Ayyaana guyyaa WBO kana irratti “documentary”n sochii WBO agarsiisu hirmmaattotaaf erga dhiyaatee booda  gumaachi maallaqaa battalumatti hirmaattotaan WBOdhaaf taasifameera. Xumura irratti J/ Kumalaa Adunyaa fi J/Tasfaayee Dhimmaa sirboota warqsaan uummata bohaarsaniiru.

No comments:

Post a Comment