Dargaggootni
fi Qeerroon oromoo godina Gujii kaleessa Amajii 29 aanaalee garagaraa
Gujii keessatti waraqaalee dhaadannoo bittimsuun mootummaa Wayyaanee
rifaasisuu fi uummatnis dammaqsuun Qeerroon gabaase, baatiima kana
keessa mootummaan wayyaanee rakkoo uummanni jiraattotni Gujii
miliyoonaan lakkaawamu rakkina daandii fi ibsaa qabaachuu,rakkina
isaanis furmaata itti gochuuf, yeroon filannoon jala gahetti hojii
misoomaa daandii baasuu fi ibsa uummataaf galchuu irratti caasaa isaa
misoomaa gara bobbaasee jiraachuu miidiyaa of harkaa qabu RTVOn lallabaa
ture, odeessi midiyaa Wayyaannootan darbu uumata biyyattii biratti
odeessa kijibaan darbu malee kan haqa of keessaa qabu akka hin taane
saboonni biyyattii gahaatti ni beeku. Haala kanaan Qeerroon godina Gujii
keessa jiraatu olola mootummaa Wayyaanee soba of keessaa qabu ifatti
saaxile, dhaadannoolee:-Mootummaan wayyaanee waggaa 25 aangoo ture
keessatti rakkoo uummataafuruu hin dandeenye,Daandii baasuu fi ibsaa galchuun mootumma wayyaaneef dadhabbii tahe,
kanaaf nurraa haa ka’u,Dirqamaan kaardii filannoo hin fudhannu,Humni waraana mootummaa nu keessa hin deemin nu keessaa haabahu,Nuti bilisummaa barbaanna,walabumaatti ammanna! Oromiyaan kan oromooti, kan habashaa miti!Mirgi keenya nuuf haa kabajamu!Mootummaa sobduu hin barbaannu!Mootummaan Wayyaaneen ajjeesaadha, saamtuudha, aangootti fufuu hin qabu!
Dhaadanollee hedduun uummata keessatti aanaalee adda addaa keessatti darbatamuun bittimfamee jira, uummannis har’a akkuma jirutti waraqoota faca’e kanatti gurra dhaabuun gammachuun itti dhagayame, diddaan isaaniis dargaggoota godinichaa waliin hiriiruuf mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuun falmii gaggeessuu kutatan,dhaadannon Qeerroo kaleessa galgala ka’ee aanaalee hunda keessatti naannoo
No comments:
Post a Comment