Monday, January 12, 2015

OROMOO

barruuWalaloo Abdii Baalee Oromiyaa
Akkam yaa lammii koo,xiqqaa fi guddaan biyyaa,
Ilmaan harmee kootii,ilmaan Oromiyaa,
Baga nagaa taatan,anilleen nagayaa,
Mee gurraa naaf kennaa,was isiniin gayaa,
Rakkoo waliif obsaa,gurraan wal dhagayaa,
Tokkummaa jabeessaa,afaan tokko tayaa,
Kunoo gabroomfataan maqaa nurra kaayaa,
Shororkeessaa jedhee,hidhatti nu haxaayaa,
Sochii keenyaaf jecha;jiruusaa yaaddayaa,
Qabsoo keenya him miidhu tasuma raatayaa,
Kanaafuu,mormadhaa ,al-takka gad bayaa,
Bakkuma jirtanii;hundinuu qabsaayaaaaaa!!!!  (*2)
Dhugaan guyyaa eegdii,taxa him ariifattuu,
Isin gariin namaa,maaf akkas rifattuu,
Lubbuu du’a hin oolle,maaf irraa sodaattuu,
Biyya Keenya irraa maalumaaf baqattuu,
Qabsaayaa qabsoo dhaa,maaf irraa baqattuu,
Walaloo Abdii Balee Oromiyaa

No comments:

Post a Comment