Wednesday, January 21, 2015

To all members of Oromo Communities in the UK and around the world!!

Hawaasota Oromoo UK fi biyya adda addaa keessa jirtan maraaf !!

Dr Martin Hill (19
Dr Martin Hill
Fira ummata cunqurfame addunyaa fi warri sagalee hinqabne sagaleen isaanii akka dhagahamu godhaa kan turani Dr Martin Hill biyya lafaa kana irraa lubbuun dabruu isaanii gadda guddaan ibsina. Ummatoota cunqurfamanii fi miidhaan irra gahe keessaa ummatni Oromoo tokko yommu ta’u Dr Martin bara dhibba kudha sagalii fi saddeettamootaa fi sagaltamoota keessa rakkoo Oromoo irra gahaa ture ifa baassuu fi saaxiluun Oromoon akka gargaaramu godhaa nama turani dha.Yeroo dheeraaf adunyaa irratti mirga dhala namaaf ka falmu dhaaba ‘Amnesty International’ jedhamu geggeessaa ka turan Dr Martin Hill biyya lafaa kana irraa ka dabran Jimaata dabre Amajjii 16, 2015 yommuu ta’u sirni awwaalcha isaanii Jimaata dhufu Amajjii 23, 2015 ganama sa’a 11:00 irratti London keessatti waldaa teessoon isaa kanaa gadi kaa’ametti raawwata. ‘Amnesty International’ dhuma bara 2014 keessas akkuma rakkoo ummatoota addunyaa cunqunrfaman saaxile ka Oromoo irra gahes ”Because I am Oromo” jechuun biyyi lafaa akka sirriitti hubatu godhe. Kanaaf Oromoo dabalatee fira ummata  cunqunrfamtoota biyya lafaa kan turani sirna awwaalcha Dr Martin Hill irratti  akka argamtan gaafanna. 
Martin Hill Funeral Annoucement (1)

No comments:

Post a Comment