Saturday, January 17, 2015

Walaloo Abdii Balee Oromiyaa

BILISUMMAA 

Akkam nagaa jirtuu ilmaan Oromiyaa,
Anillee nagumaa,yoo ta’es yaaddayaa,
Galata Rabbii guddaa;gurri waa dhagayaa,
Xiqqoollee haa taatuu,kaleessarra wayyaa,
Kanaaf,yaa saba koo,gamtaadhaan gad bayaa,
Bilisummaan dhuftee,simachuuf qophaayaa!!!
Kaleessa Habashootaan fira guddaa taanee,
Aannanii fi damma keenya,itti laannee,
Keessummaadha jennee,siree gubbaa baafnee,
Jarri Waraaboo ta’uu,nuti yoom hubannee,
Kabaja namummaa,isaan keessumsiisnee,
Galaa,gala hin qabne,gadoodhaan argannee,
Kanaaf,yaa saba koo,nu gargar kan baanee,
Badii kana hundaa,Goobanaan badhaanee,
Har’as nama heddutu,diina jala seenee,
Qabsoo Oromiyaa fi Oromootaa ganee,
Ammas of eeggadhaa,akkas akka hin taanee,
Ofirraa darbuu qabna,gabrummaa mulqannee,
Kanaaf,ofirraa haa kaasnu,bineeyyii Wayyaanee!!!
Yaadni Habashootaa,ofumaa jiraachuu,
Nama biraa miidhaatiin,ofuma jaalachuu,
Horoo namaa saamaa,ofii ijaarrachuu,
Jiraachuu nama biroo,sirumaa dagachuu,
Adda of baasanii,beekaan numa jechuu,
Kanaaf,yaa saba koo,hin dhiisin falmachuu,
Hanga Bilisummaa fi Walaba argachuu,
Qabsoon itti haa fuftu,dhiisi wal baqachuu!!!

No comments:

Post a Comment