Wednesday, January 28, 2015

Barattooti Oromoo Diddaa Sirnna EPRDF Kaasuuf Jedhu Sababaa Jedhu Irraa Ka’ee Waraanni Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Sakatta’aa Jira.

Gabaasa Qeerroo Jimmaa Amajjii 27,2015
Qeerroo JimmaaAmajjii 27,2015 Mootummaan Abbaa Irree EPRDF/TPLF dhiphina kasaraa Siyaasaa isa Mudatee jiruun yaaddoo keessa seenuun  dargaggootni Oromoo FDG mootummaa irratti kaasuuf qophaawaa jiru yaada jedhuun ka’ee sakatta’iinsa cimaa mooraa Yuunversitii Jimmaa Keessatti gaggeessaa jira.
Guyyaa har’aa balbala Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irra poolisoota dhaabuun gadi ba’uu fi oldeebi’uu barattootaa irratti guyyaa guutuu sakkatta’insi bifa haaraan eegalame jira.Magaalaan Jimmaas humna waraanaa fi dabballoota milishoota dhiyeenya maqaa Filannoo kijibaa Wayyaanee eegsisuuf jedhuun leenjifamaniin eegama jira. Uummatni Oromoo jirattootni Magaalaa Jimmaa, Aggaaroo, Yabbuu, Asendaaboo, Saqqaa fi Deedoo kardii filannoo sobaa wayyaanotaa ofumaaf hin fudhannu jechuun diddaan uummata itti fufe jira.  Lafa dimookiraasiin hin jirreetti kaardii filannoo fudhachuun bu’aa hin qabuu jechuun uummaatni dhaamsa qeerroon dabarsaafii jiru fudhachuun kaardii filannoo fudhachuun faayidaa hin qabu, dura mirgaabbaa biyyuummaa  keenyaaf haa falmannuu, Oromoon biyyaa isaa keessatti samamaa, hidhama, ajjeefamaa, qe’eef qabeenya irra buqqifama jira, Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa gaaffii dimookiraasii fi nagaa karaa dimookiraasii fi nagaa dhiyeeffatan, gaaffiin barattootni Qeerroon Oromoo gaafatan gaaffii keenya, mootummaan Wayyaanee har’a duula filannoo dimookiraasii sobaa labsu kun gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef diibii ajjeechaa, hidhaa jumlaa, barnoota irraa arii’uu, doorsisuun biyyaa irraa arii’uu deebii godhate; egaa Dimookiraasiin wayyaanee isa kamii? Jechuun uummaatni waliigalee wayyaanee dura dhaabbachuutti jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF sochii uummataa fi qindoomina Qeerroo Bilisummaa Oromootti yaaddoo guddaa keessa galuun human milishaa bifa haaraan leenjisee human waraanaa waliin magaalaa jimmaa fi Yuunibarsiitii Jimmaa irratti bobbaasee eeggicha guddaa godhaa jira, guyyaa har’aas sodaan wayyaanotaa kun daran hammachuun gara sakkatta’insa barattootatti tarkaanfachuun sakkatta’insii bifa haaraa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti gaggeeffama jira.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo nuti Waraanatti hin amannuu waraannii fi sakkatta’insi, filannoon kijibaa warraaqsa FDG ni finiinsa malee dhaabuu fi ugguruu hin danda’u, nuti Dimookiraasii dhugaa barbaadna, gaaffiin keenyaa gaaffii mirga abbaa biyyuummaa gaaffii mirgaa fi Dimookiraasiitii waan ta’eef mirga keenyaa fi hiree uummata keenyaa kabachiisuuf bakka jirruu tokkummaan harka walqabannee ni qabsoofna jechuun dhaamsa dabarfatan!.

No comments:

Post a Comment