Sunday, January 25, 2015

Gootonni Oromoo Salaaleetti Seenaa Agarii Tulluu Haaromsan, Gootummaanis Wareegaman.

Gootota Oromoo Wayyaaneen Qaltee Bakka gabaatti fannifte-Gocha faashistii xaaliyaanii fi hayila Sillaasen kan Wal fakkaatu-1.25.15Suurri argaa jirtan kun GOOTOTA ilmaan Oromoo roorroon hammaannan Wayyaanee fuuldura gootummaa dhaan falmaa dhaabbatanii utuu lolanii kanneen harka diinaatti gaafa kufan wayyaaneen gochaa suukaneessaa akkanaatiin uummata yaamtee raawwii akkasii jiilchaf ilmaan Oromoo kanneen irratti raawwatte. Oromoo diina isaa ajjeessaa, falmaa du’uun ykn wareegamuun kabajaa guddaa dha. Bakki gochaan fashitii Wayyaanee kun itti raawwatame godina SALAALEE, aanaa Darraatti baatii dabre gaafa 09/12/2014 ture.
Sababiin gootonno Oromoo kunneen itti bosona seenaniifis roorroo warri ergamtuu wayyaanee OPDO, dabballoota aanaa saniitirraa irra gahaa ture waan dadhaabaniif jiraachuus waan dadhhabaniif tahuutu gabaafama. Maqaan gooticha kanaa KATAMAA WUBETUU kan jedhamu erga dhiirummaasaa fi gootummaasaa loltoota wayyaanee 4 fi foolisoota hedduu galaafatee booda harka diinaatti kufuudhaan gaafa guyyaa 09\12\2014, aanaa Darraa, magaalaa Gondo Masqaal irratti wayyaaneen gochaa gara jabummaatiin uummata keenya jiilchuu fi sodaachisuuf hiriyaa isaa walin fannifte.
Dirreen inni itti lolaa ture, aanaa DARRAA naannoo Harbuu Masqaalee keessatti akka tahe qeerroon aanaa Darraa gabaasaniiru. Jaallan KATAMAA waliin qabsootti bahan ammas qabsoo akka finiinsaa jiraniifi ilmaan Oromoo hundaan hidhadhaa ka’aa! dhaamsa jedhu dhaammataniiru jedhama. QABSAAWAN NI KUFA,QABSOON ITTI FUFA! OROMIYAAN NI BILISOOMTI!

No comments:

Post a Comment