Saturday, January 24, 2015

Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti Dabballootii fi Humni Tikaa Wayyaanee Yakka Hojjetan

Amajjii 23/2015 Mooraa Yuuniversiitii Jimmaa keessatti yakka dabballootni humnootni tikaa Wayyaanee qindeessuun barattoota Oromoo ittin yakkuuf jedhanii Doormii barattootatti halkan keessa sa’aa 6:00 irratti ibidda itti qabsiisan, Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo itti dammaquun dhaamsuu danda’uun shira Wayyaanee dura dhaabbatan.
Goototni barattootni Oromoo Yakka kamuu ergamtootni dabbaallotni fi humnootni tikaa Wayyaanee ittin ilmaan Oromoo yakkuuf dalagaa jiran mara dura ni dhaabbanna jechuun halkan keessa sa’aa 6:00 irratti Wayyaaneen ergama diinummaa qabeenyaa Oromoo gubuun, ilmaan Oromoo immoo itti yakkuun hidhatti guuruun qindeeffatte, Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Campus Doormii Abdiisaa jedhamuun beekamutti ibidda qabsiisuun yakka hin jirre dalagaa jiraachuun bira ga’ame jira. Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo yakka dabballoota humnoota tikaa wayyaanee irratti dammaquun balaa ibiddaa hamaa qabeenyaa uummataa barbadeessuuf aggamamee kana dura dhaabbachuun dhaamsuu danda’ani jiru. Goototni barattootni Oromoo MootummaanWayyaanee yakkamadha, yoom iyyuu yakka dalagee Oromoo ittin dhaadhessuuf duubatti kan deebi’uu miti, yakkoota dalagaamaa jiran kana hundaaf mootummaan wayyaanee itti gaafatamadha. Ilmaan Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoos ta’ee sadarkaa garaagaraa fi bakkoota garaagaratti argamtan bakka jirruu hundaa harka walqabannee mootummaa Shororkeessituu Wayyaanee dura haa dhaabbatnu jechuun dhaamsa dabarsan

No comments:

Post a Comment